Aanaa Liiban Jaawwiitti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa aanaa Liiban Jaawwiitti balaa tiraafikaa qaqqabee lubbuun namoota 7 darbeera.

Balaa qaqqabeen namoota 2 irratti miidhaan qaamaa cimaan qaqqabeera.

Qindeessaan tiraafikaa aanaa Liiban Jaawwii Saajiin Olaanaa Gizaachoo Daamaa akka himanitti, konkolaataa deddeebisa ummataa Finfinneerraa gara Naqamtee deemuu fi konkolaataa mootummaa long beezii namoota 9 fe’ee Naqamteerraa gara Finfinnee deemaa jiru walitti bu’uu balichi qaqqabeera jedhan.

Balaa qaqqabeen maatiin manaa tokkoo haadha fi intalli lubbuun isaanii darbuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godina Shawaa Lixaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment