Atileet Litasanbat Giday Maaraatoonii Vaaleenshiyaa ni injifatti jedhameetu eegama

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Haadha riikardii maaraatoonii addunyaa dubartootaa kan taate Atileet Litasanbat Giday Maaraatoonii Vaaleenshiyaa dilbata dhufu gaggeeffamu ni injifatti tilmaamni jedhu kennameeraafi.

Atileet Latasanbat fageenya meetira kuma 5 daqiiqaa 14fi sekondii 06, meetira kuma 10 daqiiqaa 29fi sekondii 01 akkasumas fiigicha walakkaa maaraatoonii daqiiqaa 62fi sekondii 52 galuun atileetii fageenya fiigicha sadiin riikardii qabdudha.

Atileetittiin fiigicha maaraatoonii Vaaleenshiyaa dilbata dhufu fiigamurratti injifachuu dandeessi tilmaamni jedhu kannamuufii barruun Kaanaadiyaan Raaniing jedhamu gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment