Fiigicha meetira kuma 5 Shaangaayitti dorgomameen Atileetoonni Itiyoophiyaa 1- 4 ba’uun xumuran

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) –Fiigicha meetira kuma 5 Atileetoota dubartootaa gidduutti Chaayinaa magaalaa Shaangaayitti dorgomame Atileetoonni Itiyoophiyaa sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa ba’uun xumuran.

Atileet Maqdas Alamisheet daqiiqaa 14 fi sekondii 36 xumuruun yoo injifattu, Atileet Ayyaal Daanyaachow 2ffaa, Lattasanbat Giday 3ffaa fi Wubirist Aschale sadarkaa 4ffaan xumurteerti.

Dorgommii dhiirota gidduutti taasiifameen Atileet Salamoon Baraggaan yoi injifatum Atileet Biiniyaam Mahaariin sadarkaa 2ffaan xumureera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment