Baankichi hanga kaffaltii kaappitaala gadi aanaa dhaabbilee maayikiroo faayinaansii gara Birrii miiliyoona 75’tti guddisuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Baankiin Biyyaalessaa hanga kaffaltii kaappitaala gadi aanaa dhaabbilee maayikiroo faayinaansii Birrii miiliyoona 50 irraa gara Birrii miiliyoona 75’tti guddisuu beeksiseera.

Baankichi murtoo kanarra kan gahe haala diinagdee maayikroo biyyaalessaafi dandeettii dhaabbilee ilaalcha keessa galchuun ta’uu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

Keessumaa yeroo ammaa Ityoophiyaatti guddinni diinagdee waaraan jiraachuun, fedhiin liqaa guddachaa dhufuuniifi fedhiin bu’uuraalee misoomaa faayinaansii ammayyaa irratti hirmaachuu guddachaa dhufuun murtoo kanaaf sababoota ta’uu eerameera.

Murtochi bara faranjootaa Amajjii 16, 2023 irraa eegalee hojiirra ooluu kan eegale ta’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment