Baankichi maamiltoota CBE Nuur waliin mari’ate

Finfinnee, Sadaasa 8, 2016 (FBC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa maamiltoota CBE Nuur waliin mari’ateera.

Baankichi mata duree ‘Abdii ifaa, boqonnaa bu’aa qabeessa’ jedhuun kabaja CBE Nuur waggaa 10ffaa sababeeffachuun maamiltoota waliin magaalaa Finfinneetti mari’ateera.

Hawaasa sababa amantaan tajaajila baankirraa fagaate fayyadamtoota tajaajila baankii taasisuuf tajaajilli Baankii Dhalarraa bilisaa waggaa 20 eegalamuu Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Obbo Abbee Saannoon ibsaniiru.

Yeroo ammaas tajaajilichi bu’aa qabeessa ta’uu isaa eeraniiru.

Obbo Abbee Saannoon, maamiltoota baankicha waliin hojjetan galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment