Bulchiinsi magaalichaa haala yeroo ilaalchisee ibsa kenne

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015(FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Bulchiinsi magaalichaa itti gaafatamummaa itti kenname ba’achuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Magaalichatti rakkooleen siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee akkasumas caaseffamaa jiraachuu eeruun, rakkoolee kanneen haala uummata hirmaachiseen furuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Kanaanis bu’aaleen jajjabeessaa ta’an galmaa’uu eegaluu kaasuun adeemsicha keessatti fayyadamaa kan ta’e uummanni magaalichaa kan bekuufi kan hubatu ta’uu eerameera.

Jijjiirama biyyaalessaan asitti bu’aaleen agarsiistuu tokkummaa sab-daneessummaa ta’an, Ityoophiyaanonni hundi ittiin boonaniifi milkaa’inni imala badhaadhinaa kan hin hafne ta’uu kan mul’isan galmaa’uu eegaluu kaafameera.

Sadarkaa magaalaatti piroojektoonni gurguddoon bocamuun saffisaafi qulqullinaan xumuramuun uummataaf tajaajila kennuurra darbee maqaa gaarii magaalichaafi biyyaa gara boqonnaa haaraatti guddisuu keessatti gahee olaanaa ba’achaa jiraachuu eerameera.

Magaalichi kan Ityoophiyaanota hundaa qofaa osoo hin taane magaalaa Afrikaanotaa akkasumas giddugala dhaabbilee idil addunyaa waan taateef maqaa gaarii seenaafi itti gaafatamummaa ishee madaalu akka qabaattuuf, miidhagduu, qulqulluufi jiraattota isheef mijattuu akka taatuuf tattaaffii bal’aan taasifamuun bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu ibsameera.

Hojiin kun cimee kan itti fufu ta’uu ibsichaan ka’eera.

Sagantaalee namarratti xiyyeeffatan hojjetamaa jiraniinis manneen jireenyaa namoota harka qalleeyyii suphuun dhiibbaa jireenyaa salphisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eerameera.

Abbootii qabeenyaa qindeessuun magaalicha bakkeewwan garaagaraatti giddugaloota nyaataa hundaa’aniin lammiilee guyyaatti si’a tokko soorachuuf rakkatan nyaatanii akka oolan taasisuu danda’uun bulchiinsi magaalichaa lammiilee isaaf hagam akka yaadu kan mul’isu ta’uu ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun sammuun barattootaa hanqina nyaataan akka hin miidhamneef manneen barnootaa keessatti sagantaaleen nyaataa bocamuun hojiirra ooluu yaadachiifameera.

Bulchiinsi magaalichaa hojiilee misoomaa kanneeniifi warreen hafan babal’isuuf tattaaffii yeroo taasisaa jirutti humnoonni magaalicha giddugala jeequmsaa gochuuf socho’an gamasaaniin jijjiirama magaalichaa duubatti kan harkisaniifi gochaalee badii dhiibbaa jireenyaa uummataa daran hammeessan raawwachaa jiraachuu ibsameera.

Gocha badaa humnoonni badii raawwatan uummanni magaalichaa keessumaa raayyaan nageenyaa uummataa humnoota nageenyaa magaalichaafi federaalaa waliin qindoominaan fashaleessaa turuu yaadachiifameera.

Humni nageenyaa magaalichaa tibbana bu’uura eeruu caasaa nageenyaafi uummataan dargaggoonni hedduun magaalicha alarraa gara magaalichaa seenuun ergama badiif bobbii fudhachuun socho’aa osoo jiranii to’annaa jala ooluu ibsameera.

Dargaggoonni tokko tokko olola fi faayidaa humnoota badiin gowwomfamuun manneen barnootaa osoo hin hafin walitti bu’iinsa uumuun adeemsi baruu fi barsiisuu akka gufatuu fi nageenya magaalichaa booressuun shira finxaaleyyii milkeessuuf sochaa’aa turuu eereera.

Bulchiinsi magaalichaa qaamoleen gochaa badiirratti hirmaatan hundi gochicharraa akka of qusatanii fi yaadama jijjiirrama biyyaalessaarraa ka’uun qaamolee kanneeniif obsaa turuu himeera.

Ammas rakkoolee jiran haala tasgabbii qabuun hiikuun kan itti fufu ta’us, badii isaanirraa kan hin deebine taanaan tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa cimaa fi barsiisaa ta’e kan fudhatu ta’uu ibseera.

Kun akkuma jirutti ta’ee dhiibbaan qaala’iinsa jireenyaa fi dhiyeessiin tajaajila geejjibaa magaalichatti qormaatilee guddaa ta’uu bulchiinsi magaalichaa kan hubatu akka ta’e eereera.

Rakkoo gama qaala’iinsa jireenyaan jiru furuuf shamattoonni oomishaalee hedduminaan akka dhiyaassan kallattiin kaa’amuu himeera.

Akkasumas daldaltoota seeraan ala oomishalee dhoksanii fi daballii gatii taasisan to’achuuf tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa fudhachuun cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Mootummaan rakkoo tajaajila geejjibaa irratti mul’atu furuuf konkolattoota tajaajila geejjibaa kennaniif deeggarsaa boba’aa taasisaa jiraachuun isaa osoo beekamuu konkolattoonni bajaajii ,gatii daballii taasisuu fi hojii yakkaa iratti hirmaachuu jirattoonni magaalichaa komii dhiyeessuu eerameera.

Bulchiinsi magaalichaa tajaajila bajaajii seeraa qabsiisuuf sirreeffamaa hojiimaata taasisaa jiraachuufi hanga sirreeffamichi hojiirra ooluutti tajaajilli bajaajii akka dhaabbatu murteeffamuu ibsameera.

Tajaajilichi dhaabbbachuu isaan jiraataa magaalicha irra dhiibbaan akka hin geenyeef tajaajilli geejjibaa magaalicha humna guutuu fi qindoominaan hojjechuun haalota mijjeessuu ibsameera.

Bulchinsa magaalichaatti bu’aalee hanga ammaatti galmaa’an itti fufsiisuun, fayyadamummaan jiraattootaa caalmaatti kan mirkanneeffamuu ta’uun eerameera.

Humnoota hojiileen misoomaa akka hin milkoofneef hojjetan iratti tarkaanfiin kan fudhatamuu ta’uu fi nageenya jiraattotaa fi magaalichaa eegsisuun kan itti fufu ta’uun ibsameera.

Jiraattoonni magaalichaa akkuma kanaan duraa nageenyaa magaalichaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti bulchinsaa Magaalichaa bira akka dhaabbatan waamicha dhiyeesseera.

#Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment