Deeggarsi namoomaa kallattii sadiin gara naannoo Tigraayitti imalchiifamaa jira- TKM

Finfinnee, Sadaasa 21,2015 (FBC)- Deeggarsi namoomaa kallattii sadiin gara naannoo Tigraayitti imalchiifamaa jiraachuu Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa ibse.

Bu’uura waliigaltee Piriitooriyaan mootummaan deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif dhiyeessaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti mallatteeffame hordofee mootummaan akkaataa waadaa galeen naannoo Tigiraayiif dhiyeessii deeggarsa namoomaafi hojiilee deebisanii dhaabuu hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Koominikeeshinii mootummaa ibsa baaseen eereera.

Lammiilee deeggarsi namoomaa ariifachiisan barbaachisuuf deeggarsa qaqqabsiisuuf dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaa waliin ta’uun kallattiiwwan sadiin gara naannichaatti imalchiisaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan:-

  • Sadaasa 17 gama kallattii Goondariin konkolaattonni Dhaabbata Nyaataa Addunyaa 30 midhaan meetirik toonii kuma 1 fi 137 gara Shireetti ergamaniiru. Dabalataanis konkolaattonni 10 deeggarsa midhaanii meetirik toonii 212 fe’an gara Maayitsabriitti imaluu yaadachiiseera.
  • Sadaasa 18 Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa konkolaattota 24’n midhaan nyaataa meetirik toonii 1043 Goondar irraa gara Shireetti erguu, Sadaasa 19 ammoo konkolaattonni fe’umsaa 11 Shireerraa gara Maayitsabriitti fe’uu, Sadaasa 20 konkolaattonni Dhaabbata Nyaata Addunyaa 17 deeggarsa midhaan nyaataa meetirik toonii 380 Goondar irraa gara Maayitsabrii/Diimaatti ergamuu yaadachiiseera. Konkolaatanni 9 deeggarsa namoomaa Goondar irraa gara shireetti imalchiisan deebi’uu addeesseera.
  • Sadaasa 17 konkolaattonni deeggarsa namoomaa meetirik toonii 626 fe’an Kombolchaarraa ka’uun Zaataa gahuu, Sadaasa 18 konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 54 Kombolchaarraa ka’uun Ooflaa, Raayyaafi Allaamaaxxaa gahuu akkasumas Sadaasa 19 aanaalee Godinaa Kibbaa keessatti argaman Baalaa, Kooramiifi kanneen biroof deeggarsi taasifamu fe’amuu yaadachiiseera.
  • Sadaasa 17 gama kallattii Samaraan konkolaattonni deeggarsa namoomaa garaagaraa fe’an 34 Maqalee gahuu ibseera.
  • Kana malees gama kallattii Samaraan Sadaasa 18 konkolaattonni 175 gama Tajaajila Damdamachiisa Kaatoolikiin ergaman Maqalee gahuu,
  • Sadaasa 20 konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 140 Samaraarraa ka’uun Maqalee gahuu addeesseera.
  • Sadaasa 20 gama tajaajila Balallii Deeggarsa Balallii Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin Finfinneerraa gara Maqaleetti balalliin imaltootaa taasifamuu tajaajilichi ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment