Dhaabbileen Idil addunyaa lammiilee kutaalee biyyattii garaagaraatti rakkoof saaxilamaniif walqixa xiyyeeffannoo laachuu qabu – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin dhaabbileen Idil addunyaa lammiilee kutaalee biyyattii garaagaraatti rakkoof saaxilamaniif walqixa xiyyeeffannoo laachuu akka qaban gaafataniiru.
Obbo Dammaqaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamtuu addaa Gaanfa Afrikaa Haannaa Teetee waliin dhimmoota biyyaalessaa fi naannawaarratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan wayita marichaa haala waliigalaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii nageenyaa fi misooma naannawichaa cimsuuf sochii taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.
Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf murtoo fi hojiilee mootummaan hojjechaa jiru irratti ibsa laataniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamtuun addaa Gaanfa Afrikaa Haannaa Teetee gama isaaniin Ityoophiyaatti irra deebiin waraanni akka hin eegalleef tarkaanfii nageenyaa mootummaan fudhachaa jiru dinqisiifataniiru.
Gaanfa Afrikaatti nageenyii fi tasgabbiin waaraan akka mirkanaa’uuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.
Tattaaffii dhaabbatichi taasiisuu mootummaan Ityoophiyaas akka tumsu abdii qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment