Eejansichi meeshaalee yaala vaayrasii koroonaa raabsuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Eejansiin Dhiyeessii Dawaa Ityoophiyaa meeshaalee qorannaa ho’ina qaamaa mootummaa Chaayinaarraa deeggarsaan argaman naannolee fi bulchiinsota magaaladhaaf raabsuu eegaluusaa beeksise.
 
Meeshaaleen kaleessaa eegalee raabsamaa jiran meeshaa qorannaa ho’na qaamaa, galteewwan yaalaa, haguuggii funyaanii fi afaanii, uffatoota ittisaa ogeeyyiin yaalaa kaawwatan ta’uu eejansichi beeksiseera.
 
Meeshaaleen kanneen tursa yaala vaayrasii koroonaa nananolee fi bulchiinsota magaalaatti hundaa’aniif raabsamaa jiera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment