Finfinneetti Rooba cimaa Roobeen haadhaaf daa’immaan dabalatee namoonni 4 lolaan fudhataman

Finfinnee, Bitootessa 10, 2015 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti eda galgala Rooba cimaa Roobeen haadhaaf daa’imman dabalatee namoonni 4 lolaan fudhatamuu ibsame.

Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo Aanaa 11 iddoo addaa naannawaa Laga Maangoo jedhamutti lolaan manneen jireenyaa keessa seenuun namoota 4 fudhachuu eerameera.

Haadha umrii waggaa 46 dabalatee daa’immaan umrii waggaa 3, 13 fi 15 lolaan fudhatamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Yohaannis Darribawtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment