Gamtaan Awrooppaa biyyoota miseensa IGADf ittisa covid 19 kan oolu deeggarsa Yuuroo miiliyoona 60 taasise

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) –Gamtaan Awrooppaa biyyoota miseensa IGADf ittisa covid 19 kan oolu deeggarsa Yuuroo miiliyoona 60 taasise.
 
Gamtaan Awrooppaa biyyoota miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaaf (IGAD) ittisa covid 19f kan oolu deeggarsa Yuuroo miiliyoona 60 taasiseera.
 
Deeggarsichi sagantaa fi sochii ittisa covid 19f kan oolu yoo ta’u, Awrooppaa biyyoota miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaaf (IGAD) gama Ityoophiyaan akka ga’u ibsameera.
 
Deeggarsichi keessumattuu kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’aniif maaskii miilyoona 3.5, ambuulaansoota 24, laabiraatooriwwan sochootu 8, fi meeshaalee yaalaa garagaraa kan ofkeessatti haammatedha.
 
Saganticha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti dhaabbilee tumsitootaa fi Ejaansiwwan waliin qindoomuun Ityoophiyaa, Ertiraa, Jibuutii, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Yuugaandaaf hojjirra ni oola jedhame.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment