Godina addaa naannawaa Finfinneetti qonna jallisiirraa callaa gaarii argachuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC) – Qonnaan bultoonni Godina addaa naannawaa Finfinnee bara kana qonna jallisiirraa callaa gaarii argachuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bultoonni godina addaa naannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqii Qaallitti yeroo jalqabaaf ooyiruu isaanii kilaasteraan misoomsan qamadiin jallisiin misoome callaa gaarii akka kennuuf abdataniiru.
Qonnaan bultoonni Aanaa Aqaaqii Qaallittii ganda Gammadaa oomisha qonna jallisii qamadii sassaabaa jiran Faanaa Broodkaastiingi korporeet bakkichatti argamuun dubbisee kunnin lafa heektara tokkorraa qamadii kuntaala 103 akka argatan himaniiru.
Duraan oomisha kuduraa fi muduraa malee qamadii kilaasteraan facaasurratti muxannoo akka hinqabne kan himan qonnaan bultoonni kunnin haalli gabaa yoo gama mootummaan mijateef bu’aa gaarii akka argatan FBC’tti himaniiru.
Godinichatti waliigala lafti hektaarri kumni dhibbi 1 ol jallisiin misoomuu ibsameera.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment