Hawaasni odeeffannoo miidiyaa hawaasaa gadi lakkifamaan dhugummaa isaa ofeeggannoon adda baafachuu qaba – Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC ) –Paartiin Badhaadhinaa hawaasni odeeffannoo miidiyaa hawaasaa gadi lakkifamaan dhugummaa isaa ofeeggannoon adda baafachuu qaba jedhe.

Paartichi ibsa baaseen,wayita ammaa addunyaarrattis ta’ee biyya keenyatti odeeffannoowwan sobaa miidiyaa hawaasaan tamsa’an baayyachaa dhufeera.

Lammiin kamiyyuu odeeffannoo miidiyaa hawaasaa gadi lakkifamaan fudhachuun dura kan mirkanaa’ee fi madda sirrii ta’uu isaa ofeeggannoon adda baafachuu qaba jedheera.

Tibbana nageenyaa fi fayyuummaa Preezdaantii paartichaa fi  muummee ministiraa biyyattii Dooktar Abiy Ahimad  ilaalchisuun oduun miidiyaa hawaasumaan odeeffamu soba ta’uu ibsuun, ta’e jedhamee hawaasa burjaajessuuf, qaamolee itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amneen kan tamsa’e odeeffanno sobaa ta’uu paartichi ibseera.

Hawaasni fuula durattis odeeffannoo sobaa irraa akka ofeegu yaaddachiiseera.

Humnoota badii odeeffannoo sobaa gadi lakkisuun hawaasa burjaajeessan seeraan akka gaafatamaniif itti gaafatamummaa mootummaa ni ta’a jedheera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment