Imala jijjiirramaa waggaa lammaffaa kan kabajnu gama tokkoon qormaata, gama biraatin ammoo abdii nu fuldura jiru ilaaludhaani – MM Dr Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Imala jijjiirramaa waggaa lammaffaa kan kabajnu gama tokkoon qormaata, gama biraatin ammoo abdii nu fuldura jiru ilaaludhaani jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad jijjiirrama waggaa lammaffaa biyyattii ilaalchisuudhan karaa fuula Feesbuukii isaanitiin ergaa dabarsaniiru.

Dooktar Abiy vaayrasiin koroonaa qormaata addunyaa ta’uudhan biyyoota 200 waliin ga’uu ibsanii, Ityoophiyaattis namoonni 29 vaayrasichaan qabamuu yaadachiisaniiru.

Ammeentaan miidhaa inni qaqqabsiisu beekamuu baatus waltumsinee miidhaa xiqqaadhan akka irra dabarru abdii guutuun qaba jedhaniiru.

Jalqabbii jijjiirramichaatti humni hidhate naannoo Somaaletti hidhannoo waraanatiin nageenya ollaa naannolee booressuun fedhii fottoquu kaasera. Hokkorri kaasee ture gaanfa Afrikaa jeeqan hedduun shakkaa turaniiru. Yaata’uutii jijjiirramichaan demokraasii, kabajamuu mirga namoomaa, diinagdeen badhaadhuu, nageenya waaraa buusuuf obsaan hojjetameera jedhan.

Bifuma walfakkaatun karaa Lixa Oromiyaatin humnoonni hidhatan baankii saamuu, nama ajjeesuu, manneen gubuu, daandii cufuu, manneen barnootaa cufanii jireenya idilee hawaasa jeequu, caasaa mootummaa gandaa amma magaalaa Naqamtee, Gimbii, Shaambuutti jigsuuf yaalameera jedhan Dooktar Abiy.

Naannoo Amaaraatti hoggansa olaanaa naannichaa, magaalaa Finfinneettis hoggansa raayyaa ittisaa jajjaboo dhabneerra jedhan.

Meeshaa waraanaa hidhatanii sochoo’udhaan nageenyi naannichaa boora’eera. Lubbuun namaa darbaa tureera, manneen dhuunfaa fi manneen hedduunis gubamaniiru. Naannoo tokkorra darbee naannolee sadi tuttuquun miidhaan mudateera.

Yaata’uutii sanas irra darbuudhan riifoormii gurguddaa hojiirra oolchuuf sosochii jajjabaan taasifamaa tureera.

Hojimaata baankotaa geeddaruun damee faaynaansii jajjabeessuu, mirga namoomaa, fooyyessa diinagdee, olaantummaa seeraa, damee haqaa, nageenya hawaasummaa, dhaabbilee barnootaa fi fayyaa, proojaktoota jajjaboo dhugoomsuuf hojjetameera.

Manneen barnootaa olaanoottis qormaanni mudachaa ture hamaadha; yaata’uutii isas yeroo irra dabarree filannoo biyyoolessaatif qophaa’aa yeroo jirrutti tamsa’inni vaayrasii koroonaa rakkoo biraa ta’ee dhufeera.

Kanas taanan ummanni keenya jabinaa fi aadaa waldhageettii qabuun waltumsinee irra ni dabarra jedhan.

Waggaa lammaffaa jijjiirramichaa yammuu kabajnuttis Ityoophiyaa akkamii yaa ijaarru ka’umsa jedhuun, fedhii fi faayidaa ummataa fi biyyaa galmaan ga’uuf tumsaan ni hojjenna jedhaniiru.

Rakkoolee biroo tumsaan ida’amnee akkuma injifachaa as geenye, qormaata amma nu mudatee fi fuldurattis nu mudachuu malu waloon ni injifanna jedhaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment