Imalli Badhaadhina Hundagaleessaa keenya gocha badii humnoota finxaaleyyiin hin gufatu! MNO

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee, iddoo addaa Qorkee (Awuraa Godaanaa) jedhamutti finxaaleyyii Minjaar keessa socho’an qaamolee nageenyarratti raawwatan ilaalchisee ibsa laateera.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Bitootessa 20 bara 2014 Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee, iddoo addaa Qorkee (Awuraa Godaanaa) jedhamutti humni finxaaleyyii Minjaar keessa socho’an miliishaa ummataa Naannoo Oromiyaafi Poolisii Federaalaa daandii imalaa jiran irratti haleellaa raawwataniin gaaga’ama qaqqabe ilaalchisee gaddi guddaan kan itti dhaga’ame ta’uu ibsaa, maatiifi firoottan namoota wareegamaniitiif jajjabina hawwa.

Haleellaan humna finxaaleyyii kun yeroo akka mootummaatti tarkaanfiiwwan murteessaa walooma, walitti dhufeenyaafi obbolummaa cimsan fudhachaa jirrutti ta’uunsaa, ergamaafi kaayyoo badii humnoota gufachiisoo kanaa caalmaatti kan saaxiludha.

Akka biyyaafi ummataatti tulluu jibbiinsaa jigsuudhaan tokkummaa sab-daneessummaa mirkaneessuufi imala badhaadhina hundagaleessaa milkeessuuf yeroo ifaajaa jirru kanatti, taatee suukanneessaafi jibbisiisaa akkanaa keessummeessuun keenya kan malu hin turre.

Haata’u malee, humnoonni finxaaleyyii ummattoota obbolaa Amaaraafi Oromoo walitti buusuuf tirtiraniifi imalli milkaa’ina biyyaafi ummataa isaan wareersu ammas kiyyoo badii isaanii diriirsuurraa of qusachaa hin jiran.

Boqonnaa irra geenye kanatti rakkoo kamuu karaa nagaa furuufi adeemsa seeraatiin dubbii hunda sirreessuun osoo danda’amuu, shira diigumsaa isaanii diriirsuudhaan humna miliishaa ummataafi Poolisii Federaalaa irratti haleellaa raawwatan kanaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarkaanfii madaalawaafi seera-qabeessa ta’e fudhachuuf qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin hojjechaa jira.

Haaluma kanaan, Mootummoonni Naannolee Oromiyaafi Amaaraa waliin ta’uudhaan bakka haleellaan kun itti raawwatametti hordoffii gochuu eegalaniiru. Finxaaleyyii gocha gara-jabinaa kana raawwatan sakatta’anii adda baasuudhaan seeratti dhiyeessuufi itti gaafatamummaa hordofsiisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsina.

Ummattoonni naannolee lameenii tokkummaa obbolummaa isaanii cimsatanii, humnoota finxaaleyyii farra duudhaa waliin jireenyaa ta’an cichanii akka saaxilaniifi tarkaanfii mootummaan fudhatu akka tumsan waamicha dabarsina.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bitootessa 21, 2014
Finfinnee

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment