Ityoophiyaatti Embaasiin Raashiyaa boqochuu Maadiingoon gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Ityoophiyaatti Embaasiin Raashiyaa boqochuu Artisti Maadiingoo Afawarqiin gadda itti dhaga’ame ibseera.

Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Raashiyaa Iviignii Tarkiin, boqochuu Artisiti Maadiingoo Afawarqiin maqaa isaanii fi hojjettoota Embaasichaan gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Artisti Maadiingoon, weellisummaa bira darbee lammii biyya isaa jaallatu akka ture Ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Addaa waraanaatti Raayyaa Ittisaa Biyyaa kakasuu fi onnachiisaa akka ture yaadachiiseera.

Artisti Maadiingoon boqochuun Ityoophiyaanotaaf gadda cimaa ta’uu ibsan.

Ambaasaddar Iviignii Tarkiin maatii, firoottanii fi dinqisiffattootaaf jajjabina hawwuu ragaan Embaasicharraa argame nimul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment