Ityoophiyaatti namoonni dabalaataa 564 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, namoonni 9 ammoo lubbuun darbaniiru

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetin namoonni dabalataa 564 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 9068 hojjetameen namoonni 564 vaayrasichaan qabamaniiru.
Namoonni 9 ammoo lubbuun darbaniiru.
Namoonni haaraan 429 yoo dandamatan, waliigala namoonni 9,027 dandamataniiru.
Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 20,900 ga’eera.
Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu 11,506 ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.
Namoonni 170 yaala cimaa keessatti argamu.
Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 365 ga’eera.
Hanga ammaatti namoota 468,814f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.
Comments (0)
Add Comment