Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,663 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,663 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 20 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 8,869 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,663 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1,933 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 57,409 irratti argama.

Namoonni 987 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 20 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,531 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 50 fi 055 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment