Izzii Kibbaatti miseensota Raayyaa Ittisaa raawwii hojii gaarii galmeessisaniif sadarkaan guddina gulantaa laatame

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC) – Izzii Kibbaatti miseensota Raayyaa Ittisaa raawwii hojii gaarii galmeessisaniif sadarkaan guddina gulantaa laatamuu ibsameera.
Raayyaan Ittisa Biyyaatti Izziin Kibbaa miseensoota ergama laatameef ga’uumsaan ba’aniif sadarkaa guddina gulantaa laateera.
Izzichi ergama olaantummaa seeraa kabachiisuu fi duula birmadummaa keessatti shoora olaanaa ba’uu Ajejaa olaanaan Izzii Kibbaa Meejar Jeneraal Salamoon Ittifaan ibsaniiru.
Eeggumsa Hidha Haaromsaa, hirmaannaa siyaasaa Baha Afrikaa, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi wayita duula birmadaummaa ergama Izzichatti laatame milkeessuuf hojii gaarii hojjetaniif Meejar Jeneraal Salamoon miseensoota kanneen galateeffataniiru.
Raayyichi olola maqaa balleessii garaagaraa miidiyaalee hawaasummaan irratti gaggeeffamuuf gurra osoo hin laatin ergama itti laatame qofa ga’umsaan ba’uuf kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment