Jilli Obbo Qajeelaa Mardaasaan durfamu Maqalee gale

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan durfamu magaalaa Maqalee galeera.

Jilli kun daawwannaa hojiif gara naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti imaluu ibsameera.

Jilichi hoggantoota Federeeshinii Kubbaa Miilaa, Federeeshinii Bishaan Daakaa fi Federeeshinii Daartii Ityoophiyaa kan of keessatti hammate ta’uu ibsameera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa ga’u Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraayi Piroofeesar Kindiyaa Gabra Hiyiwaatiin simatamuu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortirraa argame ni mul’isa.

Miidhaa wayita waraanaa Istaadiyeemii Maqaleerra qaqqabe gamaaggamuun suphaa barbaachisaa ta’e raawwachuun rakkoo Istaadiyeemii akka biyyatti jiru furuuf mariin taasiifamuu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment