Maaraatoonii Landan dirree morkii jabaan gameeyyii Atileetikisiin mul’ataan eegamu

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC)- Dilbata borii Fiigicha Maaraatoonii Landanitti gaggeefamurratti Atileetonni Itiyoophiyaa rikardii of harka qaban ni hirmaatu.

Dorgommicharratti, Atileet Qananiisaa Baqqalaa, Taammiraat Tolaa, Mussannat Garramuu, Tigisti Asaffaa, Almaaz Ayyaanaa fi kanneen biroo kan hirmaataan ta’uun hawwattummaa dorgommichaa dabaleera.

Fiigichi dubartoota gameeyyii seenaa keessatti saffisoo ta’an afur keessaa sadii morkii jabaa gaggeessuun injifannoo yookaan rikardii addunyaa galmeessuu danda’uun eegama.

Atileet Tigisti Asaffaan yaadaa kenniteen “Injifachuufan as jira” jettiitti.

Dorgommii dhiiraan Taammiraat Tolaan Injifannoo Maaraatoonii Niwuyoorkitti galmeesse fi bara darbe Landanitti sadarkaa 3ffaa kan xumure fooyyessuuf tattaaffii cimaa akka taasisu kan eegamu ta’uu ibsameera.

Akkasumas Atileet Moosinet Garramuu, seenaa keessatti sa’aatii saffisa 7ffaa kan galmeesse, maaraatoonii Vaaleenshiyaarratti sadarkaa 2ffaan kan xumure Aleeksaandar Mutiso Munyawoo fi abbaa rikardii fageenya dheeraa Qananisaa Baqqalaa waliin kan hirmataan ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment