Magaalichatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 661 ga’e

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoota guyyaa har’aa vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii mirkanaa’e 109 keessaa namoonni 105 tuttuqaas ta’ee seenaa imalaa hin qaban.
 
Magaalichatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 661 ga’uu Biiiroon Fayyaa magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Finfinneetti hanga ammaatti namoota dhibichaan qabaman keessaa namoonni 342 kanneen tuttuqaa fi seenaa imalaa hin qabne ta’uu ibsameera.
 
Magaalichatti guyyaa har’aa namoota dhibichaan qabaman keessaa namoonni 42 jiraattoota kutaa bulchiinsa magaalaa Gullallee, namoonni 21 Addis Katamaa, namoonni 4 Liddataa, namoonni 19 Kolfee Qaraaniyoo, namoonni 5 Eekkaa, namni 1 Boolee, namoonni 3 Qiirqoos, namni 1 Nifaas Silk Laaftoo, namoonni 3 Aqaaqii Qaallittii ta’uu Biiroon Fayyaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.
 
Kan namoota 10 ammoo teessoon isaanii qoratamaa jira jedhame.
 
Ityoophiyaatti hanga ammaatti namoota dhibichaan qabaman 968 keessaa namoonni 197 yoo dandamatan, namoonni 8 ammoo lubbuun darbaniiru.
 
Addunyaarratti hanga sa’aa kanaatti namoonni miiliyoonni 5 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 45 fi 245 qabamaniiru.
Namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 62 fi 921 du’aniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment