Manni Maree Gaambeellaa baajata bara 2013 Birrii biiliyoona 3.3 ol raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) –Manni Maree Naannoo Gaambeellaa yaa’ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaasaa gaggeessen baajata bara 2013 Birrii biiliyoona 3.3 ol raggaasiseera.

Manni marichaa yaa’ichaan gabaasa raawwii hojii karoora misoomaa fi bulchiinsa gaarii, mana murtii waliigalaa naannichaa fi oodiitara olaanaarra dhiyaatu dhaggeeffateera.

Yaa’ichi kaabinoota hoji raawwachiistuu 5 muudamaaf mana marichaaf dhiyeessuun muudamni dhiyaates sagalee guutuun ragga’eera.

Manni mariichaa aanaa irraa hanga mana murtii waliigalaatti muudama abbootii murtii 21 yoo raggasisu, abbootii murtii 2 ammoo sababa rakkoo naamusaaf hojiirraa gaggeessera.

Warreen muudamanis kakuu raawwataniiru.

Manni marichaa yaa’ichaan baajata naannichaa bara 2013 Birrii biiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 77 fi kuma dhibba 6 fi kuma 53 fi 415 akka ta’u raggaasiseera.

Baajata bara 2013f Birriin  biiliyoonni 2 fi miiliyoonni dhibba 3 fi miiliyoonni 73 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 39 fi 47 deeggarsa mootumma federaalaarra kan argamuu yoo ta’u, Birriin biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 3 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 14 fi 368 ammoo gaalii naannichaarra argamuun kan uwwiifamu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha

Comments (0)
Add Comment