Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 337 miiliyoona 37 baasu to’atame

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) –Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 337 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Hordoffii Ebla 11 – 17, 2016 taasiifameen meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyyaa keessaa galuuf ture Birrii miiliyoona 286.8 baasuu fi gara biyyaa alaa ba’uuf ture Birrii miiliyoona 50.5 baasu dameewwan Gumrukaa adda addaatti to’atamuu himeera.

Uffataaleen, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, faayaaleen, Jimaan, Baalli Sammuu Adoochu,, meeshaalee qaama jijjiirraa konkolattootaa, Zayinni Nyaataa, Beelladoonni, Meeshaaleen waraanaa fi maallaqoonni biyyoota garaagaraa heddumminaan to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment