Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 47 olii to’atame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Godina Harargee Bahaatti meeshaaleen kontiroonaabdii Birrii miiliyoona 47fi kuma 537 olitti shallagaman to’ataman.

Meeshaaleen kontiroobaandii Jibuutiirraa konteeyinaratti fe’amuun gara giddugala biyyaatti imalchiifamaa ture guyyaa kaleessaa to’atamuu Hogganaan Diiviizhinii Kominikeeshiniifi Miidiyaa Qajeelcha Poolisii godinichaa Inispeektarri Olaanaan Tolasaa Gooshuu ibsaniiru.

Sakatta’iinsa konkolaataa aanaa Haramaayaa naannoo Dhangaggootti garagalerratti taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii sanada seeraan alaan gara giddugala biyyaa seensifamaa turan to’atamuu dubbataniiru.

Konkolaachisichi yeroof miliquu eeruun,poolisiin hordoffii taasisaa jiraachuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment