MM Abiy Ahimad Ikuwaatooriyaal Giinii galan

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ikuwaatooriyaal Giinii Maalaaboo galaniiru.

Naayjeeriyaatti daawannaa hojii guyyoota lamaa kan taasisan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, daawwannaa isaanii xumuruun Yaa’ii Dureewwan Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf jila isaanii waliin Maalaaboo galaniiru.

Turtiisaaniitiin yaa’ii gamtichaa deggarsa namoomaa, dhimmoota farra shororkeessummaa fi tattaaffiiwwan karaa heera mootummaan ala aangoo qabachuuf taasifaman ittisuurratti  xiyyeeffatu irratti kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Maalaaboo wayita ga’an anga’oota mootummaa olaanoo biyyattiin simatamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment