Mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu xumuruun gara misoomaatti akka deebi’uuf tumsa keenya cimsinee itti fufna – dhalattoota Tigiraay magaalaa Finfinnee jiraataan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) – Mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu xumuruun gara misoomaatti akka deebi’uuf tumsa isaanii cimsanii akka itti fufaan dhalattoota Tigiraay magaalaa Finfinnee jiraataan ibsan.
Dhalattoonni Tigiraay magaalaa finfinnee jiraatan dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa irratti mari’ataniiru.
Dhalattoonni Tigiraay maricharratti argaman gochaa gareen badii ABUT raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwate ummata Tigiraay bakka hin bu’uu jedhaniiru.
Gareen badii ABUT ummata Tigiraay sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Ityoophiyaa waliin jiraachaa ture irraa adda baasuu gochaa inni raawwate fudhatama hin qabus jedhan.
Mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu xumuruun gara misoomaatti akka deebi’uuf tumsa keenya cimsinee itti fufna jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment