Naannoo Oromiyaatti raawwiin hojii Mootummaa fi Paartii qoratamaa jira

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC)- Raawwiin hojii Mootummaa fi Paartii kurmaana 3ffaa Naannoo Oromiyaa qoraatamuu eegaleera.

Qorannoo hojii kun magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti geeggeefamaa jirra.

Qorannicharratti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo fi hoggansi olaanoon Naannichaa argamaniiru.

Gabaasa kurmaana sadeen darbanii kan dhiyeessan Hoogganaan Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Wayyeessaa tarkaanfiwwan  misooma qonnaa bara kanarratti fudhatamaniin milkaa’inni guddaan argameera jedhan.

Akka gabaasa OBNtti qamadii jallisiin misoomsuu, sosochii misooma dammaa fi abukaadoo akka fakkeenyaatti eerraniiru.

Aadaan qusannaa hawaasaas akka foyyaa’e himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment