Naanno Affaaritti  balaa lolaa laga Awaashiin namoonni kuma 49 fi 65 miidhaman

Finfinnee, Hagayya 2, 2012 (FBC) –  Naanno Affaaritti  balaa lolaa laga Awaashiin namoonni kuma 49 fi 65 miidhaman.

 

Naannoo Affaaritti balaa lolaa laga Awaashiin namoonni kuma 49 fi 65 miidhamuu Waajjirri Qindeessa Sagantaa Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannichaa beeksise.

 

Itti aantuun hooggantuu wajjirichaa aadde Kulsumaa Burhaabaa Alii turtii Faanaa Broodkaastiingi Koorporeeti waliin taasisaniin aanoota sodaaf saaxilaman 17 keessa 10 balaa lolaan miidhamuu eeraniiru.

 

Miidhaa qaqqabeen namoonni kuma 19 fi 656 buqqa’aniiru, akkasumaas qabeenyaa miidhaa cimaan ga’eera jedhan.

 

Namoonni kuma 51 fi659 ammoo soda keessa jiraachu ibsaniiru.

 

Aadde Kulsumaa Burhaabaa Alii aanoota shaniif deebiin laatamuu ibsuun lammiilee miidhaan qaqqabe deeggaruu fi raayyaa waraanaa waliin ta’uun heliikooptaraan hojii lubbuu baraaruu hojjechaa jirachuu himaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment