Naannoo Filannoo Amboo 1tti qophileen Filannoof barbaachisan taasifamaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Naannoo Filannoo Amboo 1tti qophileen Filannoof barbaachisan taasifamaa jiru jedhame.
Naannoo Filannoo Amboo Tokkoo jalatti buufataaleen filannoo 94 kan argamani yoo tahuu namoonnii kuma 69 fi 696 galmaahuun kaardii fudhatanii guyyaa sagaleen itti kennamu eeggachaa jiru.
Qophilee hanga yoonaatti akka Naannoo filannoo Amboo tokkootti taasifameen meeshaaleen filannoof barbaachisan Raabsamaa jiru.
Saanitaayizara dabaltee bakkeewwaan filattoonni itti boqotanis qophaa’uu isaani gareen gaazeteessitoota Fbc bakkichatti argamuun taajjabeera/Mirkaneesseerra.
Jiraattoonnii yaada isaanii Fbcf kennaniis hawaasni sagalee isaatiin Nama egereef taha jedhuu murteeuuf filachuu akka qabu himaniiru.
Filannichi nagaan akka gaggeeffamuufis kutaan hawaasaa hundi gahee isaa akka bahatuu dhaamaniiru.
YidnaqaachooH/Maariyaamtu.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment