Naannoo Somaaleetti hongee mudateen lammiileen miiliyoona 3.7 deeggarsa barbaadu

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC)–Naannoo Somaaleetti godinaalee 11’n argamanitti hongee mudateen lammiileen miiliyoona 3.7 deeggarsa kan barbaadan ta’uu Biiroon Komiikeshinii Naannichaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Obbo Abdulqaadir Rashaad akka ibsanitti, hongeen godinaalee naannichaa hundatti kan mudate yoo ta’u, Godinaalee Shabalee, Daawwaa fi Afdeeraatti hammaataa ta’uu himaniiru.

Sababa hongechaan deeggarsa kan barbaadan lammiilee miiliyoona 3.7 yoo ta’an, lammiileen deeggarsa argachaan jiran garuu miiliyoona 1.3 ta’uu ibsaniiru.

Hanga ammaatti Godina Daawwatti qofa Gaala dabalatee beeyladoonni kuma 340 sababa hongeen kan du’an yoo ta’u, kanneen kuma 600tti dhiyaatan ammoo haalaa yaaddessaa keessa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkinichi hammaataa ta’ullee hojiin dhiyeessii deeggarsa bishaanii fi namoomaa biroon mootummaa fi dhaabbilee tumsitootaan hojjetamaa jiraatulee sadarkaa hammeenyaa balichaan kan wal hinmadaallee ta’u ibsuu isaanii Dhaabbanni Pireesii Ityoophiyaa gabaaseera.

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment