Obbo Dammaqaan Ambaasaaddaroota Gamtaa Awurooppaa fi bakka buutoota biyyoota Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Ambaasaaddaroota Gamtaa Awurooppaa fi bakka buutoota biyyoota Awurooppaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan deegarsa namoomaa dhaabbileen deeggarsa naannoo Tigraayitti taasiisaa jiran ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan deeggarsa midhaan nyaataa, Qorichootaa fi meeshaalee biro buufataalee 92 qaqqabsiisuu ibsaniiru.
Ejansiiwwan mootummaa, dhaabbileen deeggarsa namoomaa idil addunyaa fi dhaabbileen deeggarsaa garaagaraa hedduun qindoominaan deeggarsa namoomaa naannichatti taasiisaa jiraachuu himaniiru.
Naannichaatt bu’uuraaleen misoomaa sababa duulaa olaantummaa seeraa kabachiisuun adda citanii turan irra deebiin tajaajila eegaluu ibsaniiru.
Bulchiinsi yeroo naannichaa haala gaariin hojii keessa galuu fi mootummaa federaalaas deeggarsa barbaachisu taasiisaa jiraachuu himaniiru.
Dabalataan obbo Dammaqaan filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisee haala jiru ibsa taasiisaniiru.
Ambaasaaddaroota Gamtaa Awurooppaa fi bakka buutoota biyyoota Awurooppaa kunneen ibsa obbo Dammaqaan taasiisanitti gammaduu ibsaniiru.
Dhimmoota waloorratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment