Of eeggannaa dhabuu tibba ayyaanaa fi hiriirotarra tureen vaayrasiin koroonaa babal’achuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2012 (FBC) – Of eeggannaa dhabuu tibba ayyaanaa fi hiriirotarratti of dagannaa tureen vaayrasiin koroonaa babal’achuun ibsame.
 
Of dagannaa, tuttuqqii, of eeggannoo gochuu dhabuu tibba ayyaanaa fi hiriirotarratti tureen vaayrasiin koroonaa babal’achuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Namoonni damee geejibaarratti bobba’an, buqqaatonni, daandirra kan jiraatanii fi harka qalleeyyiin caalmaatti saaxilamoo ta’uu isaaniis ministir deettaan ministeerichaa aadde Saahirallaa Abdullaahiin beeksisaniiru.
 
Fageenya ofii eeggachuu dhabuu, haguuggii afaanii fi funyaanii kaawwachuu dhiisuu, saanitaayzarii fayyadamuu dhabuu, ana na hin qabuun of eeggannoo gochuu dhiisun rakkoolee turan jedhan.
 
Namoonni dhibee biroo qaban ammoo caalmaan saaxilamoo turan.
 
Bu’aa qorannaa Hagayya 1-17,2012tti taasifamuun dhababileen damee hawaasummaatin tajaajila diinagdee laatan gara hojii kan seenan ta’a jedhameera.
 
Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman %80 mallattoo kan hin agarsiisinii fi miirri dhibee kan irratti hin muullanne ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment