Oromiyaatti lammiileen miiliyoona 1.2 busaaf saaxilamaniiru-BFO

Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2016 qofatti qorannoo namoota miiliyoona 3.2’f taasifameen lammiileen miiliyoonni 1.2 busaaf saaxilamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi gamaaggama raawwii hojii godinaalee naannichaa Kilaastara Dhihaa Magaalaa Jimmaatti gaggeesseera.

Naannichatti dhibeewwan daddarboo ta’aaniin cinaatti dhibeewwan daddarboo hinta’in irrattis hojjetamu akka barbaachisuu eerameera.

Dhibeewwan daddarboo ta’an ofirraa ittisuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aan gaariin galmaa’us, dhibeewwan bifa weeraraan ka’an kanneen akka busaa xiyyeeffannaa cimaa kan barbaachisuu ta’uu Hogganaa ittaanaa biirichaa Obbo Darajjee Abdannaa dubbataniiru.

Hanga ammaattis dhibee busaa ittisuuf saaphanni siree miliyoonni 1 ol raabsamuus himaniiru.

Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment