Qooda Aadaan, ogummaa fi Aartiin misoomaaf qabu guddisuuf hojjetamaa jira – Obbo Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC) – Qooda Aadaan, ogummaan harkaa fi Aartiin misooma hawaasummaa fi Diinagdeef qabu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsaniiru.
Ministeerichi raawwii hojii baatii jahaa manneen hojii damichaa waliin Adaamaatti gamaaggameera.
Ga’ee Aadaan, ogummaan harkaa fi Aartiin misooma hunda galeessaa keessatti qabu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Qajeelaan himaniiru.
Damichi misooma keessatti qooda isaa akka ba’u Xiyyeeffannoo barbaachisu laachuun misoomsuu fi ammayyeesuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Baatiwwan jahan darbanitti duudhaa waldanda’uu fi waloon jiraachuu, akkasumas tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf hojjetamaa turuu eeraniiru.
Ijaarsa bu’uura misooma Ispoortii biyyaalessaa saffisiisuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu obbo Qajeelaan eeraniiru.
Ityoophiyaa rakkoo ishee muudate keessaa baasuuf duudhaaleen aadaa murteessaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Warqinash Birruun himaniiru.
Afaan Oromoo, Afaan Somaalee, Afaan Afaarii fi Afaan Tigree afaan hojii mootummaa Federaalaa taasiisuuf sanadni wixinee imaammataa qophaa’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment