Sanadi waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi mariiwwan siyaasaa bu’uuressu ragga’e

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Waliigaltee dhukaasaa dhaabuutti kan qajeelchuu fi mariiwwan siyaasaa kan bu’uuressu sanada waliigaltee raggaasisuu Koreen olaanaan marii nageenyaa ibse.

Korechii adeemsa marii nageenyaa ilaalchisuun ibsa baaseera.
Haaluma kanaan korechi, mootummaan kutaa Kabaa biyyattiitti walitti bu’iinsa uumame karaa nagaan furuuf tattaffii eegale galmaan ga’uuf koreen hundaa’ee sochii hanga ammaatti taasiserratti bal’inaan mari’chuun ibsameera.

Mootummaan marii nageenyaa haalduree tokko malee bakkaa fi yeroo kamituu eegaluuf qophii ta’uu beeksise turuus yaadachiiseera.

Bu’uuruma kanaan marii nageenyaa itti fufiinsaan qabatamaa taasisuu fi lammiilee naannolee Tigiraay, Amaaraa fi Afaar keessaa sababa walitti bu’iinsaa kutaa Kaabaa biyyattiin rakkooleef saaxilaman, deeggarsaa namoomaan, bu’uuraalee misoomaan, tajaajilaa bu’uuraa akka eegalan taasisuu fi yeroo gababaa keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga’uuf haalota dandeessisanirratti korechi xiyyeeffanaan mari’achuu beeksiseera.

Adeemsa kana saffisiisuuf gara waliigaltee dhukaasaa dhaabuutti kan qajeelchuu fi marii siyaasaa fuulduraaf bu’uuraa kan kaa’u, sanadaa yaaddeebii nageenyaa raggaasisuu eereera.

Sanadii yaaddeebii kunis bakka bu’ootaa olaanoo Gamtaa Afriikaaf hatattamaan akka dhiyaatus murteesseera.

Gara waliigaltee dhukaasa dhaabuutti wayita seenamus, haalota dandeessisoo umamuun tajaajiloota bu’uuraa eegalchiisuuf qophii barbaachisa taasisaa jiraachuu fi Gamtaan Afriikaas mariin nageenyaa bakkaa fi yeroo gaggeeffamuurrattii hataattamaan murteessuun maricha eegaluuf gamtichaa waliin hojjechaa akka jiru ibsa kanaan beeksiseera.

Murteewwan eeraman hojiirra oolchuuf, koreewwan xixiqqaa fi dhaabbileen sochii barbaachisaa akka eegalan korechi hubachiiseera.

Dabalataan marii nageenyaa qabatamaa akka ta’u, ummanni deegarsa taasisu akka cimsee itti fufu, hawaasni addunyaas Gamtaa Afriikaa cinaa akka dhaabbachuun tattaffiin marii nageenyaa milkeesuuf gumaacha akka taasisan waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment