Shaampiyoonaan Olompikii yeroo afurii Simoon Baayelsi dorgommii Jiminaastikiitti deebi’uuf

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Simoon Baayelsi Shaampiyonaa Olompikii yeroo afur Meedaaliyaa Warqee kan injifatte gara dorgommii jiminaastikiitti deebi’uun dorgommii Jiminaastikii Ameerikaa Adoolessa 2023 gaggeeffamurratti hirmaachuuf ta’uun ibsame.

Simoon Baayels kan umriin 26, bara faranjootaa 2021 dorgommii Jiminaastiksii Tookiyootti gaggeeffame booda sababa rakkoo fayyaa sammuuf dorgommii kamuurratti hinhirmaanne jedhameera.

Atileetiin lammii Ameerikaa kun sababa fayyummaa sammuu fi nageenya isheef dorgommiiwwan xumuraa Tookiyootti gaggeeffaman ja’aa keessaa shani darbuu hindandeenyes ture.

Bara dhufu dorgommii Olompikii Paarisitti gaggeeffamurratti kan hirmaattu ta’uu wanti beekame jiraachuu baatus, baatii Adoolessaa dhufu dorgommii shaampiyoonaa biyyaalessaa Ameerikaatti gaggeeffamurratti akka hirmaattu eeramuun, dorgommichi dharraan akka eegamu taasiseera jedha gabaasni BBC.

Jiminaastiksiin Ameerikaa gama isaatiin galmaa’uun, hirmaachuuf wabii hinta’u jedheera.

Baayelsi bara faranjootaa 2016 dorgommii Olompikii Riyoorratti yeroo jalqabaaf kan hirmaatte yoo ta’u, dorgommiiwwan afur gaggeeffaman injifachuu dandeesseetti.

Baayles bara 2020 Olompikii Tookiyorratti Meedaaliyaa Warqee akka injifattu eegamus sababa weerara vaayirasii koronaan gara bara 2021’tti dabarfamuun kan yaadatamuudha.

Boodarra ogeeyyiin fayyaa ishee akka rakkoo fayyaa sammuu rakkoo hamaaf ishee ssaaxilu qabaachuu itti himanii, dorgommii jiminaastiksii madaala eeguu irratti hirmaachuun meedaaliyaa meetii injifachuu dandeesseetti.

Erga dorgommicha xumurteen booda dorgommii Ispoortii akka hindhiifne garuu yeroof dhaabuu ibsitee turte.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment