Siifan Hasan Maaraatoonii Landan irratti ni hirmaatti jedhame

Finfinnee, Amajjii 26 ,2015 (FBC)- Siifan Hasan Maaraatoonii Landan irratti kan hirmaattu ta’uu ibsame.

Dorgommii Olompiikiin fiigicha meetira 5,000 fi 10,000’n meedaaliyaa warqee kan qabdu Siifan Hasan yeroo jalqabaaf Maaraatoonii Landan 2023 irratti kan hirmaattu ta’uu gabaafameera.

Siifan Olompiikii Tookiyoo irratti fiigicha meetira 1,500nis meedaaliyaa Nahaasaa injifachuun ishee kan yaadatamudha.

Siifan Hasan dorgommii Maaraatoonii Landan Eebla 23 ,2023 gaggeeffamurratti atileetota rikardii maaraatoonii qaban sadii kan falmattuu ta’uu eerameera. 

Siifan dorgommii maaraatoonii yaaluuf haa murteessituyyuu malee dorgommii Tiraakii keessaa hin baane jechuu ishee BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment