Sulultaatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC)– Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti meeshaleen waraanaa seeraan ala to’atamuu Qajeelchi Pooliisii Kutaa Mgaalichaa beeksise.

Meeshaleen waraanaa kunneenis Shugguxii Turkii 101 fi rasaasa kuma 2 fi 964 kan to’ataman ta’uun eerameera.

Meeshaleen kunnen konkolaataa FSR jedhamuun Magaalaa Goondaar irraa gara Finfinneetti imalaa osoo jiru kaleessa galgala sa’aa 2:00 irratti sakata’aa taasifameen, qaamolee nageenyaan to’annoo jala ooluu beeksiseera.

Kana malees, konkolaataa ummataa keessaatti bombii harkaa F1 jedhamu lama shakkamaan kophee keessa dhoksuun dabarsuuf yaale to’annoo seera jala ooluu qajeelchichi ibseera.

Daayrektarri Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Sulultaa Komaandar Dammaqaa Abbabaan akka jedhanitti gochaan qamolee badii raawwachuuf meeshalee waraana seera alaa daddabarsanii qindoomina ummataa fi qaamolee nageenyan fashalaa’a jira.

Qindoominni kana caalmaan cimsuun hojii nageenya hawaasaa mirkaneessu fi seeraa alummaa dhaabuuf ciminaan kan hojjetamu ragaan Kutaa magaalaichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment