Taphattoonni Garee Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gulaallii Waancaa Addunyaaf taphatan ifooman

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC) – Taphattoonni Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gulaallii Waancaa Addunyaaf taphatan 23 ifoomaniiru.

Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Gabre Madiin Haa’ileen gulaallii waancaa Addunyaaf taphattoota 23 tapha Seeraaliyoonii fi Burkiinaafaasoo waliin taasisanirratti fayyadaman kan xumuraa adda baasuun ifoomsaniiru.

Haaluma kanaan Sa’iid Haabtaamuu, Abbubakar Nuuraa fi Biiniyaam Gannatuu goolii eegdoota, Heenok Addunyaa, Alambirihaan Yigizaaw, Yaareed Baayyee, Miliyoon Salamoon,Minyoot Dabbabee,Ramadaan Yeesuuf, Yaareed Kaasahee fi Feetiduun Jamaal sarara Ittisaa, Gaatooch Baanoom, Naatinaa’eel Zallaqaa, Suraafeel Daanyaachoo, Kana’aan Maarkanehi,Waganee Gazzahaanyi fi Yaabsiraa Tasfaayeen sarara gidduutti akkasumas, Abeel Yaalew, Amaanu’eel Gabramikaa’eel, Barakat Dastaa, Haabtaamuu Taaddasaa, Charinnat Gugsaa fi Fitsuum Xilahuun sarara fuulduraarratti filatamaniiru.

Gulaallii Waancaa Addunyaaf Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa Shaakala isaa kan biyya keessaa xumuraa taasiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment