Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 34ffaan taphni Arsenaal Woolvis, Liivar Puul Fuulhaam waliin taasiisaan ni eegama

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 34ffaa har’aa eegalee gaggeeffamuun taphni Arsenaal Woolvis, Liivar Puul Fuulhaam waliin taasiisaan ni eegama.

Har’a waaree booda taphoonni 3 kan taphataman yoo ta’uu, sa’aatii 11:00 irraa jalqabee Luutaan Taawoon Bireentifoord, Sheefiild Yuunaayitiid Barnileey waliin falmatu.

Galgala sa’aatii 3:30 eegalee taphni Woolviis Arsenaal waliin taasiisu ni eegama.

Boru waaree booda sa’aatii 9:30 irraa jalqabee Eevarton Notiingahaam Forest yoo keessummeessu, sa’aatii 11:00 eegalee Astoon Viilaan Boornimaawuuz, Kiristaal Paalaas Weest Haam waliin taphatu.

Galgala sa’aatii 12:30 jalqabee taphni Fuulhaam Liivarpuul waliin taphatu xiyyeeffannoo argateera.

#Oromia

Comments (0)
Add Comment