Tigraayitti lammiilee kuma 3 ol ta’aniif tajaajilli yaala moora ijaa bilisaan kennamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Naannoo Tigraayitti lammiilee kuma 3 ol ta’aniif tajaajilli yaala baqaqsanii yaaluu Moora ijaa bilisaan kennamaa jira.

Tajaajila yaala bilisaa kana Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayiitti Hospitaala Kuhaa fi dhaabbata Miti mootummaa Hiimaaliyaa Kaataaraakti jedhamutu walta’iinsaan kennaa jira jedhame.

Qindeessan Piroojektii Hiimaaliyaa Kaataaraakti Obbo Tasfaay Taklamaariyaam bara kana naannicha naannawaa adda addaatti tajaajilli yaala baqaqsanii yaaluu dhibee Moora Ijaa qindoominaan kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment