Waltajjiin sosochii loltoota duraanii deebisanii dhaabuu Magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC) – Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa qooda fudhattootaa fi qaamolee tumsitootaa waliin waltajjii sosochii loltoota duraanii deebisanii dhaabuu fi haaromsa biyyaalessaa magaalaa Maqaleetti gaggeessuu eegaleera.

Waltajjichi loltoota duraanii deebisanii dhaaburratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Mariin kun nageenya argame cimsuu fi naannicha deebisanii ijaaruu akkasumas, hojiilee haaromsaarratti hojjetamuuf faayidaa guddaa qabaachuu miseensi koree waliigaltee nageenyaa Obbo Geetaachoo Raddaan ibsaniiru.

Loltoota ogummaa isaanii dhiisuun gara waraanaa imalanii turan gara dameewwan hojii isaanii duraatti deebisuun murteessaa ta’uu kaasuu himameera.

Marichi naannoo Tigraayiif qofa osoo hin taane sadarkaa biyyaatti hojiilee deebisanii ijaaruu fi hojiileen haaromsaa maal fakkaachuu akka qabu agarsiisuuf kan tumsu ta’uu Obbo Geetaachoon dubbataniiru.

Mariin kun yeroo jalqabaaf magaalaa Maqaleetti akka gaggeeffamu kan taasiifameef waliigaltee nageenyaa booda naannichatti tasgabbiin bu’uu isaa fi qaamolee lamaan gidduutti wal amantaa jiru caalmaatti cimsuuf ta’uu Komishinarri Komishinii Haaromsa biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan ibsaniiru.

Loltoonni duraanii waraana keessaa gaggeeffaman hawaasaatti makamuun ijaarsa nageenyaa fi Diimokiraasii keessatti karaa nagaan akka hirmaatan akkasumas jireenya isaanii waaraatti akka deebi’an kan hojjetamu ta’uu Ambaasaaddar Tashoomaan eeraniiru.

Hojii haaromsaa amma eegalame bu’aa qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus himaniiru.

Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa Dambii Mana Maree Ministeerootaa Lakkoofsa 525/2015 hundaa’uun gara hojiitti galuun kan yaadatamuudha.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment