Yaa’iin Gamtaa Afrikaa nagayaan akka xumuramu qooda fudhattoota ga’eesaanii ba’ataniif galanni dhiyaate

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Yaa’iin dureewwanii 33ffaa fi walga’iin ministiroota hoji raawwachiistuu 36ffaa Gamtaa Afrikaa nagayaan akka xumuramu qooda fudhattoota ga’eesaanii ba’ataniif galanni dhiyaate.
 
Humni nageenyaa qindaa’aa federaalaa ibsa laaten, yaa’iin Gamtaa Afrikaa nagayaan eegalamee akka xumuramu tumsa taasifameef galateeffateera.
 
Jiraattonni magaalaa Finfinnee amala gaarii keessummaa simachuu fi keessummeessuun yaa’ichi nagayaan akka xumuramu qooda olaanaa ba’ataniif galateeffamaniiru.
 
Caasaan nageenyaa sadarkaa sadarkaadhan jiru amanamtummaa heeraa fi biyya isaatif qabu kan itti mirkaneessedha jedheera humnichi.
 
Imalli tiraafikaa naga qabeessa akka ta’u, lafoon nagayaan akka darbu, keessummoonni nagayaan ba’anii akka galan tumsa taasifameef galateeffateera.
 
Ibsa Koomiishiniin Poolisii Federaalaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif ergeen, dhaabbanni taaksii Raayid hojii nageenyatiif konkolaattota ga’aa dhiyeessera; gumaacha taasiseefis galateeffameera.
Comments (0)
Add Comment