Addunyaarraa namoonni miiliyoonni 50 ol rakkoo beela hamaaf saaxilamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC)- Addunyaarraa namoonni miiliyoonni 50 ol rakkoo beela hamaaf saaxilamuu Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksise.

Yeroo ammaa rakkichi mana lammiilee miiliyoonaan lakkaa’amanii seenuu Daayrektarri olaanaan sagantichaa Deevid Beesleey ibsaniiru.

Weerarri vaayirasii koroonaa, waraanni Raashiyaafi Yuukreen, walitti bu’iinsi. Qaala’iinsi gatii boba’aa, xaa’oofi meeshaalee bu’uuraa balichaaf sababoota ta’uu eeraniiru.

Rakkoon beelaa guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa dhufe lammiilee jireenya gadadoof saaxiluurra darbee biyyoota garaagaraa keessatti gaaga’ama uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni rakkicha qindoominaan hiikuu yoo baatan kufaatii hamaa fiduu akka danda’u yaadachiisaniiru.

Dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaafi dhaabbileen deeggarsa namoomaa lammiilee balaa beelaa hamaaf saaxilamaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan waamicha dhiyeessuu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment