Baatii sadiin booda laaligaan Ispeen eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Sababa weerara vaayrasii koroonaan adda cite kan ture taphoonni kubbaa miilaa laaligaa Ispeen Baatii sadiin booda eegalame.
 
Laaligaan Ispeen eda galgala tapha Siiviyaa fi Riyaal Beetis gidduutti gaggeefameen eegalameera.
 
Taphichaan Siiviyaan 2 -0 Riyaal Beetis moo’ateera.
 
Taphoonni hafan har’aa eegaluun hanga dilbataatti kan taphaman ta’uu himameera.
 
Taphoonni hundi Istaadiyeemii cufaatti akka gaggeeffaman Federeeshiniin kubbaa miilaa biyyattii murteessuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Liigicha Baarseeloonaan qabxii 58 dursaa kan jiru yoo ta’u Riyaal Maadriid qabxii 56 itti aana.
 
Priimiyar liigiin Ingilaandis Waxabajjii 10, 2012 ni jalqabama.
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment