Baatiwwan 9 darban Hawaasa Diyaaspooraarraa Birrii biiliyoonni 1.37 ol walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Baatiwwan 9 darban Hawaasa Diyaaspooraarraa akaakuu fi maallaqaan Birrii biiliyoonni 1.37 ol deeggarsaan walitti qabamuu Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiise.
Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa Hawaasa Diyaaspooraa waliin hojiilee Hirmaannaa Misoomaa hojjetamaa turan gamaaggamuun kallattii fuulduraa kaa’eera.
Diyaaspoorawwan Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa, Duulaa Birmadummaa, lammiilee sababoota adda addaan miidhaman deeggaruu fi hojiilee tola ooltummaa adda addaarratti hirmaachuun Birrii biiliyoona 1.37 galii taasiiuu ragaan Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment