Hammi Liqaa dhaabbilee Faayinaansii Itiyoophiyaa Birrii Tiriiliyoona 2.3 qaqqabuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Hammi Liqaa dhaabbilee Faayinaansii Itiyoophiyaa Birrii Tiriiliyoona 2.3 qaqqabuu Bulchaan Baankii Biyyaalessa Itiyoophiyaa Obbo Maammoo Mihiratuun ibsan.
Yaa’iin waggaa Dhaabbilee Faayinaansii biyyoota Afrikaa Bahaa 7ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Walgahiinsi Damee Faayinaansi, hammi maallaqa Kuufamaa fi qabeenyi waliigalaa Itiyoophiyaa yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu Obbo Maammoon yaa’icharratti haasawa taasiisaniin himaniiru.
Lakkoofsi Dhaabbilee Faayinaansii 121 ga’uu eeruun, qabeenyi waliigalaa Birrii Tiriiiliyoona 3.4, akkasumas maallaqni kuufamaan Birrii Tiriiliyoona 2.4 ga’uu dubbataniiru.
Hammi liqaa Dhaabbiilee Faayinaansii Birrii Tiriiliyoona 2.3 qaqqabuu kaasaniiru.
Yaa’iin Dhaabbilee Faayinaansii kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’uu, Hoggantoonni Baankilee, bakka buutoonni dhaabbilee Inshuraansii fi qooda fudhattoonni damee Faayinaansii yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment