Itiyoophiyaan oomishawwan 96 kanaan dura alaa galchaa turte biyya keessatti omishuufi

Finfinnee, Caamsaa 2, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan oomishawwan 96 kan kanaan dura alaa galchaa turte biyya keessatti omishuuf ta’uu Ministeerri Indaastirii beeksiseera.
Waltajjiin dorgomtummaa Oomishaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Guddinni biyyaa sadarkaa sochii Indastriirratti hundaa’a waan ta’eef mootummaan misooma Indastiriitif xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.
Itiyoophiyaan oomisha kanaan dura alaa galchaa turte biyya keessatti omishuun bakka buusuu bira dabartee gara alaatti erguu jalqabuu kaasaniiru.
Sagantaa sosochii ” Itioophiyaan haa oomishtu”n Itiyoophiyaan oomishawwan kanaan dura omishtee hinbeekne hedduu baay’inaafi qulqullinaan oomishaa jiraachuu himaniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment