Beellama Cheelsii fi Tootinaam Har’aa

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Tapha pirimeerliigii Ingilaandi bara waldorgommii 2022/23 torbee 2ffaan kilabootni Magaalaa London Cheelsii fi Tootinaam tapha darbiin walkeessummeessu.

Tapha darbii miira masaanummaan beellama kan qaban Cheelsii fi Tootinaam tapha torbee jalqabaa injifachuun har’a of eeggannoon gara dirree seenuun tilmaama argataniiru.

Toomaas Tuuhel leenjisaan Cheelsii, abbaa qabeenya kilabichaa haaraa waliin galmee haaraa banuuf gara dirree ni seenu.

Gama biroon, kilaba waancaa waliin baay’ee firooma hinqabne haaressuuf leenjisaan Tootinaam Antooniyoo Kontee carraan akka bara wal-dorgommii 2022/23 hinjiru jechuun harka lafa jalaan qophii xumuraniiru.

Toomaas Tuuhel erga leenjisaa Cheelsii tahuun Magaalaa Londan seenanii Tootinaam waliin yeroo shan morkachuun shananuu injifachuun kan har’a galgalaas humna jabeeffachuun dirree isaanirratti keessummeessu.

Antooniyoo Kontee leenjisaan Tootinaam “mana warra Cheelsii nan beeka; kun amma hinhojjetu” jechuun tapha darbii kilaboota magaalaa London kanaaf qophaa’uu ibsaniiru.

Taphni Cheelsii fi Tootinaam dirree Cheelsii irratti miira masaanummaan har’a galgala sa’atii 12:30 irraa eegala.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment